Nageenya Nyaata Bilcheessuu
Yeroo heddu abidii manaa ka’u namni nyaata qopheessu nyaata istoovii irratti dagachuu irraa kan ka’eedha. Haala salphaa ta’een namaan, bilbilli yommuu namatti bilbilamu yookin meeshaalee elektirooknikisiitiin qalbiin namaa hatamuu ni danda’a. Abiddi sakandii gidduutti ka’uu ni danda’a.
Akkamitti of eeggannoo akka taasisan:
1. Zayita yookin waanta dibata ta’een yommuu nyaata bilcheessitan, bakka nyaata itti qopheessitan keessaa hin bahinaa
2. Yeroo hundumaa wayita nyaata bilcheessitan, istooviin banaa ta’uu isaa akka isin yaadachiisuuf alarmii fayyadamaa
3. Naannoo istooviin jiru yeroo mara qulqulleessaa
4. Tarii abiddi yoo ka’eef liidii naannoo istoovitii hin fageessinaa
• Abidda dibata yookin zayitaan ka’etti bishaan hin naqinaa
• Eelee xiqqaa abiddi itti qabate abidda irraa buusudhaaf malli baay’ee filatamaan eelee yookin xuwwee sana irraa liidii ciibsudha.
• Abidda dhaamsaa
• Eelee abiddi itti qabate hin sochoosinaa.
• Erga abiddi dhaame fi qorreen booda liidii irraa fuudhaa.


Tags

Seattle Fire Department, Seattle Fire, Seattle Fire Rescue, Seattle Fire Medics


You may also like

Truck fire on I-405 near Renton
PFD Truck 10 responding

Subscribe to our newsletter now!