Yoo apartaamaa keessan keessatti ibiddi jalqabe:
• Gadi bahaa balbla cufaa
• Mallattoowwan BAUMSAA (EXIT) hordofaa, gara gulantaa dhiyoo jiruutti deematii ijaarsa gallakisaa.
• Gara gubbaa-baaxii ykn barandaatti hin deeminaa.
• Gulantaan tokko yoo cufame, gulantaa biraa barbaadaa. Liiftii gonkumaa hin fayyadaminaa.

Hanga danda’ametti saffisaan alatti ba’aatii 9-1-1 bilbilaa. Yoo Ingiliffa dubbachuu baattan, nama bilbila kaasutti afaan keessan himaa.

Bakka seensa ijaarsaa biratti hi eeginaa; karaa ijaarsaa ittiin seenamus hin cufinaa.

Tokkicha erga baatanii, aluma turaa. Ijaarsa gubachaa jiru keessatti gonkumaa hin deebi’inaa.

Yoo sababa ibiddi ykn haarri karaa isinitti cufe ykn gulantaa fayyadamuu hin dandeenye, iddotti nageenyan turtan barbaadaa.

Dawoo apaartaamaa hollatti barbaada ykn bakke gulantaan itti dhaabbatu balbala cufaa turaa. Warrii ibidda baleessan gulantaa ol’ba’aniti gadi bu’uuf isin gargaaru yoo barbaachisaa ta’e.

Yoo ibiddi ykn haarri ijaarsa keessani keessa fi apaartaamaa keessan ALA jiraate:
• Apaartaamaa keessan keessa turaa. Balbala cufaadha.
• Fooxaa ykn hucuu fayyadamuudhan qayaa naannawaa balbalaa ykn banaawwan haarri ittiin galu cufa
• Foddaa fi balbaloota barandaa cufaa akka haarri kutaa keessa hin seenne dhoowwudhaaf
• Gara foddaa deematii harka hafarsaa akka warri ibidda balleessan isin arguu danda’aniif, garuu hin baninaa.
• Kutaa dhiqannaa keessa hin turinaa ykn barandaa irratti hin ba’inaa.
• Yoo haarri ykn ibiddi kutaa keessan seene, 9-1-1 bilbilaa iddoo keessan gabaasuf. Lafatti gadi jedhaa turaa. Afaan ykn funyaan keessan irra ucuu jiidhaa kaa’aa.
• Yoo barbaachisaa ta’e warrii ibidda balleessan gadi ba’uuf isin gargaaru.


Tags

Seattle Fire Department, Seattle Fire, Seattle Fire Rescue, Seattle Fire Medics


You may also like

Subscribe to our newsletter now!