Waktii hoo’aa namoonni baay’een alatti nyaata bilcheessuu jaalatu. Osoo abidda hin qabsiisin dursa of-eeggannoowwan barbaachisoo taasisaa.

Akkamitti of eeggannoo akka taasisan:
1. Meeshaan waaddii irratti waadan manaan ala qofatti tajaajila akka laatuf hojjatame. Mana keessatti yookin garaajii keessatti tasumaa waaddii hin waadinaa – kaarboon moonooksaayidiin hamaa ta’e, gaaziin halluu fi foolii hin qabne nama keessatti kuufamuun du’aaf nama saaxiluu danda’u.
2. Mana, baaxii manaa yookin varandaa, baala gogaa fi arataa irraa yoo xiqqaate tarkaanfii sadi fagaachudhaan bakka duwwaa keessatti abidda waaddii qabsiisaa.
3. Abidda alatti qabsiiftanii tasumaa biraa hin deeminaa.
4. Alatti naannoo abidda itti qabsiiftan sanatti bakka daa’imnii fi bineensonni manaa hin qaqqabne faana sadi tolchaa.
5. Abidda cileedhaan qabatu yoo ta’e ammoo cilee osoo gadi hin naqin dura sa’aatii 48 akka qorru taasisaa. Sa’aati kana mara hin eegu yoo jettan, bishaan heddu itti naquudhaan abiddi dhaamuu isaa sassaaqatii adda baasaa. Cilee tasumaa pilaastika, waraqaa yookin meeshaa mukaa keessa hin kaayinaa; meeshaa sibiilaa liididhaan sirriitti cufamu keessa godhaa.


Tags

Seattle Fire Department, Seattle Fire, Seattle Fire Rescue, Seattle Fire Medics


You may also like

Subscribe to our newsletter now!